Oggaa Boo’ichis Yakka Ta’u

8th June 2016  By Barii Gurmu
0


Itoophiyaan yeroo baayyee mana sabaaf sab-lammii akka taatetti jajamti. Sabootni garagaraa hundi afaan, aadaa fi seenaa isaanii qabaachun daangaa biyyattii keessa jiraatu. Mootummaan ammaatis, Addi Dimookiratawa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI), biyyoota dhihaan akka diimookiratawaa ta’etti jajamuun gargaarsa maallaqaa ool’aanaa argateera. Haata’u malee, dhugaan jirtu, wanta isaan jedhan kanarraa baayyee fagoodha. Seenessa kana keessattis, mootummaan Itoophiyaa barattoota Oromoo fi gumiiwwan maqaa Oromoo qabanirratti maal akka hojjechaa jiru muuxannoo dhuunfaa kootifi wantan ijaan argen isiniif qooda.

Sirni Dargii erga kufeen booda biyyattiin heera tumatte (constitution). Heerichis saba, sab-lammiifii ummatni biyyattii haal-duree tokko malee mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga foxxoquutti ifatti labse. Mirgi afaan ofiin dubbachuu, barreessuufi guddisuu akkasumas aadaa ofii beeksisuu fi ibsu fi seenaa ofiis eeggachuus eeggamera akkuma mirga mormii hiriira nagaa bahuu, iyyaataafi walitti qabamuu. Dabalataanis, namni kamiyyuu mirga yaada ofii bilisummaan sababa yookin faayidaa kamiifiyyuu qabu ibsachuu gonfachiisera.

Akkuma lammiileebiyyattiifii dhaabbata mirga dhala namaa; anis, dhamni waadaa mirgootni heeraniifi diimookiraasiin galaman Itoophiyaa keessatti haalan karaarraa maquun hubadha. Leenca waraqaarraa, tooftaa ittiin mootummichi namoota mirgoota kanneen fayyadamuuf yaalan-dhiphoota, tokkummaa diigdota, hundaa ol shororkeessitoota ittiin jechuun adamsee qabu qofa ta’an.

Biyyattii keessatti cabiinsa mirga namoomaa, garaagarummaan diinagdee, siyaasaafii hawaasummaa dhugaa guyyaa guyyaan arginuudha. Karaa tokkoofi kan biroonis tahu cabiinsi seeraa dhalootuma biyyattiirran jalqabee kan tureedha. Fincillis akkasuma uumama biyyaattii waliin kan turee dha.Waraannis lolame, seeronnis labsaman akkasumas sirnootnis jijjiiraman. Gaaffii mirga namoomaa gaafatamaniifii heeraa hojiitti hiikuun qabatama jiruun walsimsiisuf diddaan karaa nagaa adeemsifamaa tureera. Haa ta’u malee yeroo amma mootummaan warroota mirga namoomaa keessaattuu warreen mirga heerarra jiru gaafatanirratti xiyyeeffateera.

Yuunivarsiitiin bakka silaa barannee beekumsa arganneen saba keenya tajaajiluuf itti galle ta’uun hafee sababa sabaan Oromoo taanef qofaaf arrabsamni, sodaachifni, himatamuu, hidhaa, baqattummaa, mana barnootarraa ugguramuufi ari’atamuun wal’aansoo walqabuu ta’e. Wantoota ta’an kanneen akka armaan gadiitti kan waliin qooddannuu taa’a.

 

Gidirfamuu Barattoota Oromoo

Ani Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaatti barataa eebbifamuuf jiruufi hayyuu duree Gumii Afaan, Aadaafi Seenaa Oromoo (GAASO) kan barattoota hangafoota keenyan hundaa’een ture. Gumii kanaaf namni kamiyyuu kan afaan, aadaa fi seenaa Oromoo jaallatuufi deeggaru sabaan, haalan, ilaalcha siyaasan, amantiin, gareen fi dudduubbee isaan osoo hin loogamin miseensa gumichaa ta’uun hirmaachuu ni danda’a. Haaluma Kanaan gumichi siyaasa, amantii, ilaalchaafi sanyummaa kamirraayyuu bilisa. Kaayyoon isaas afaan, aadaa fi seenaa Oromoo guddisuufi beeksisuudha.

Mootummaan Itoophiyaa barattoota Oromoo hundurratti xiyyeeffateera. Mootummichis kan isaan gidirsuufwaanuma  yaadasammuu isaanii dubbataniif, mirga namoomafi kabajamuuheeraf falmaniifi.

Gumichi kun heera biyyaattii bu’ureeffatee kan hundaa’e ta’us, ergamtootni mootummaa akka walii galaatti barattoota Oromoo fi miseensotarratti fi keessattuu koreewwan gumichaarraatti xiyyeeffatan. Ergamaan mootummaa kanYuunivarsiitichaa na shororkeessaas ture. Yeroo baayyedhaafis koreen gumichaa, anas dabalatee, miseensa jaarmayaa biyya bulchuu ta’uu akka qabnuufi gumichis yeroo sagantaa qopheeffatu dursee akka isaan beeksisuu fi affeeruu qabus na akeekkachiise. Akka dambii ittiin bulmaata gumichaatti, gumichi akka isaan affeeruu hin dandeenye garuu sagantaa gumichaa hirmaachuufi akkuma nama kamiittuu miseensa ta’uun guddina afaan, aadaa fi seenaa sabichaaf gumaacha akka gochuu danda’anan itti hime. Kan namaajaa’ibu sagantaan takkallee isaan jala hin tarre! Hundurratti argamaniiru.

Ergamtootni mootummaa gumichi damee Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) kan sabboonummaa Oromoo cimsuurratti hojjetuudha jechuun yakkan. Itti fufuunis asxaa Odaa cufamaa, maarkaroota (markers), kobbeewwan, afuuffee, balbii, abaaboo, facaaftuu (spray), dungoo fi golgaa(curtain) halluu diimaafi magariisa qaban galma yookin waajjira ittiin miidhagsuufi beeksisa ittiin barreesuf akka dhimma itti hin baane fardiitti nu ugguran.Wantoota kanneenin yoo galma ykn waajjira ittiin miidhagsitaniifi halluuwwan kanneenin yoo beeksisa yookin waamicha ittiin barreessitan halluu alaabaa ABO uumu jechuun nutti himan. Keessummoota affeeruu qabnus kanneen akka weellistootaa, walaleessitoota, sirbitootaa, manguddootaa, daldaltoota fi sabboontota Oromoo bebbekkamoo hangafii eenyutu affeeramaa, hin affeeramuu nuuf eerun qoqqubbaa nurra kaa’uu jalqaban. Wanta isaan nun jedhan kanneen guunnee argamuu dhabuun gumicha gaaffii tokko malee ergamaa ABO taasisuun cufsiisa.

 

Diddaaf Hidhamuu

Ani barnoota koo kan semisteera dhumaan hordofaa ture; gammachuun eebbaas Yuunivarsiitiicha keessa bakka maraa calaqqisa. Barattootni eebbatis barattoota warra kaanitti “nuuf seemisteera dhumaati” jechuun ykn bobbocha warra eebbifamuuf jiru ta’uu isaanii garsiisuu hojjetanii itti qoosu. Moora bakkee maratti barattootni suufii uffachuu, qophii qopheessuu, suura ka’uun gammachuun ji’oota muraasa quban lakkawan hafan lakkawu, hanga gawaanii eebbaa qoobiisaa waliin uffatanitti.

Muddee 29, 2011 obboroon hiriyyaa koo waliin ciree nyaachuuf kaaffetti hirirre; osoo gara mana dubbisaatti hin areeddin dura. Akka tasaa bakka amfiitiyaaterarratti,kan fuuldura galma nyaata barattooatatti argamutti, barattoota walitti qabamanitti dhufne. Maaltu akka taa’aa jiru garuu hin hubanne. Kanuma tuuta jidduu seenuu keenyaafi Pireesidantiin gamtaa barattootas dhufu argine. Barataan tokko Pireesidaantichi hooggantoota Yuuniveersiitichaa- itti aanaa Pireesidantii barnootaa( Academic vice President) fi itti gaafatama dhimma alaa Yuunivarsiitichaa akka waamu gaafate. Barataan kun hooggantootni kun barataa Eebbisaa-kan Yuunivarsiitichi barataa saba Tigray tokkon chaanaalii Tv Oromiyaa gara chaanal Piriimiyer liigii Ingilizii dabarsutti jijjiirurratti wal dhaban jechuun waggaa tokkof barnootarra adaberratti akkamitti murtii kana akka fudhatan akka ibsaniif barbaadaniiti. Murtee ugguramaa ilaalchisee barattootni al-loogummaa tahuusarratti itti waan hin quufnef Pireesidantii gamtaa barattootaa gaaffii gaggaafachuu itti fufan. Pireesidantichis poolisii mooraa tokko hooggantoota akka waamuf erge.

Hanga sa’aatii tokkof cinaatti poolisin mooras, hooggantootnis hin dhufne. Wayita kanatti barattootni baayyee mufachuun sagalee olkaasun: “argituu!tuffii isaanii wayita nu tajaajiluf as jiranitti moo hundi keenya waajjira isaanii deemne isaan qunnamuu qabnaa? Nuti haqa gaafanne, haqxi immoo raawwatamuu qofa osoo hin taane wayita raawwatamus muul’achu qaba”, jechuun quuqamaan dubbatan. Isaan kan gaafachaa jiran Yuunivarsiitichi murtii Eebisaarrratti dabarse kana akkamitti akka irra gaheefi iftoomummaadha; gaaffin gaaffii haqummaa qofa osoo hin taane kan iftoominaas.

Manneen barnootaa ergamtoota mootummaarraa bilisa, kan hundumti walabummaan itti barataniifi walqixxummaan itti ilaalaman ta’uu qaban.

Erga yeroo dheeraf hooggantoota eegnen booda, hiriira diddaa adeemsisuuf dirqamne. Nuti akkuma bakka teenyee jirruu olkaanen barataan tokko tuuta keessa “barataa hidhannoo hidhate” jechuun iyye. Barattootni nama hidhannoo kana barataa se’an garuu inni basaastuu mootummaa nurratti basaasuf nu jidduu lixeedha. Akka carraa tahee basaastichi shugguxii hidhatee jiru wayita olkahuuf jedhutti tasa lafa harkaa buute. Jidduu kanatti barataan jalqaba iyyee sun shuggixicha lafaa fuudhe basaasticha hanqisee. Basaastichi, baratichi shugguxii fuudhuu isaa erga mirkaneeffateen booda tuuta keessaa kotteet gad jedhe. Baratichi shuugguxicha fuudhe “akka hin baane! kuunnoo fiigaa jira” jechuun iyye. Nutis wanta dhageenyef argineen ni rifanne. Poolisin mooraa dhufeet, lakkoofsa shuggixichaa galmeeffatee fuudhee sokke.

Kuni akka nuti dhaadannoo: “nuti haqa barbaanna! Barattoota keenya baruumsarraa ugguuruu fi ari’uun haa dhaabbatu! Namoota hidhannoo hidhatan moora akka hin seenne!” jechuun hiriira jalqabnu nu taasise. Hiriirichas nagaan gaggeessine. Miidhaa hambisuufis namuus akka namattifi qabeenyatti dhagaa hin darbanne wal akeekkachisaa turre. Haata’u malee akkuma hiriira xumurreen poolisiin kanuma mooraa keessa didichu argine. Isaanis barattoota hiriira keessattis hirmaatan hin hirmaannes walitti qabanii haleeluu fi qabuutti fufan.  Barattootni 53 qabamanii buufata poolisiitti hidhaman.

Guyyoota itti aananis barattoota qabuun itti fufe. Galmeen barattoota barbaadamaniipoolisiitti kennaman. Poolisii fi humni nageenyaa barattoota kanneen kaaffetti, mana kitaabatti, seensa balbala moorarratti fi doormiitti poolisii dallaa waliin wal tahuun eegaanii qaban. Barattootni hidhaman guyyaa sadi buufata poolisii keessa erga turan booda mana murtiitti dhiyaachuun himatni irratti baname. Ragaan sobaas qindaahee dhagahame. Himannaan isaanirratti banames barattootni akka jeequmsa kaasan kakaasuu, adeemsa baruuf barsiisuu gufachiisuu fi qabeenyaa Yuunivarsiitii barbadeessuu jedha. Shakkamtootnis akka ofirraa ittisan gaafatamanii ofirraayis ittisan. Manni murtiis loogummaan murtii balleessummaa itti muruun hidhaa baatii saddeet hanga waggaa lamaan akka adabaman murtii dabarse. Haa ta’uu malee, manni murtii ulaagafi akeekkachiisa itti kennuun ulaagicha yoo hin eegin akka qabamanii murticha dabre xumaran jechuun gad lakkise.

Amajjii 22, 2012 gad lakkifamuun barattootaa kun haalarratti kan hundaa’e tahus oduu agaat ture. Garuu bayyananni kun yeroo dheeraf hin turre. Hiraarfamni barattoota Oromoo itti fufe. Yuuniversiitichi murtii bulchiinsaa fudhachuun barattoota afur guutummattii baruumsarraa ari’uun digdamaa ol kan taa’an immoo ugguruun xalayaa itti laatee gaggeesse. Barattootni tokko tokko garuu erga haalota baayyee cimaa tahe dirqamanii mallatteessaniin booda deebi’anii turan. Haalotni kunneenis kan gabaasa Amneest Intenaashinal kan bara 2014 Sababa An Oromoo ta’eef (reportBecause I am Oromo) jedhuun kan hidhamtootni Oromoo duraa gaafatamaniin baayyee wal fakkaata. Hidhamtootni duraa kunis gad lakkifamuun isaanii “haalota seeran ala taa’an kan warra isaan qabe irratti hundaa’ee qophaa’edha” jedhan. Haalotni barattootni mallatteessuu qaban kunneenis: “ani jeequmsa keessatti hirmaadheera,kanaaf ammaan booda gumii afaan, aadaafi seenaa Oromoo ykn hiriira nagaa bahuu ykn waanuma taheef walitti qabamuu, walgahii siyaasaa ykn sochii barattootaa keessatti hin hirmaadhu; yeroo tokkotti nama lama ykn sad ykn namoota murtaa’an hin qunnamu. Haalota kanneen osoohin guutin argamuun baruumsarraa uggurama ykn guutummaatti ari’atama hordofsiisa kan jedhuudha.

Barattootni tokko tokko miidhaa ulaagicha osoo hin guutin hafuun qaqqabsiisu sodaachun baruumsa isaanii addaan kutuun baqqatummaaf dirqaman. Sodaan kunis gabaasa amneest internaashinal kan hidhamtoota duraaf gaaffiif deebii taasisee keessatti tuqamee ture. Innis: “…cimina haalichan wal simuu dadhabuu fi dhiibba inni jireenya isaanirratti qabuun, ykn beekanis tahe osoo hin beekin ulaagicha hir’isuun hordofsiisu sodaachun biyya akka gad dhiisan isaan dirqeera” jedha.

kan manni murtii barattootni akka barnootasaanitti deebi’an heeyyame Yunivarsitichi murtee gara lafiina hin qabnee kana qofaa isaa akka hin fudhatin ni shakkine. Barattoota guutummatti barnootarraa ari’aman keessaa tokko murticha mormuun yakkin ani dalage maal jechuun gaafa gaafatu, “barataa uggurameef boosse” jechuun deebisaniif. Barataan biraas kan haqame gaaffuma walfakkaatu gaafatee deebuma walfakkatu deebisaniif. Murtiilen kunniin bulchiinsa Yuunivarsiitii qofan kan laattame miti. Akkuma gabaasa amneestii armaan olitti eerametti, murtiileen ugguruu fi guutummatti haquu hooggantootni aanaa ykn nageenyaa, akkasumas gaggeessitooni siivilota naannoo fi tika federaalaa barattoota gara isaan yaadanitti luuccahu didan kana hooggantoota Yuunivarsiitii  waliin waltahuun hordofuun murtii kana kan dabarsan tahuu ni calaqqisiisa. Si’a baayyees tikoota nageenyaa magaalaa Adaamaa, Godina Shawaa Bahaa fi Federaalaa hooggantoota kana waliin yoo sochoo’an ni agarra turre.

 

Jijjiiramni Waan Hin Hafne

Mootummaan Itoophiyaa barattoota Oromoo hundurratti xiyyeeffateera. Mootummichis kan isaan gidirsuufwaanuma  yaadasammuu isaanii dubbataniif, mirga namoomafi kabajamuuheeraf falmaniifi. Haguma mootummichi isaan dhiibuu jabeessu umriin sirna bulchiinsa isaas gabaabbachaa deema. Warreen mootummaa kana utubuun faarsanif ifa tahuu qabus mootummaa gara jabinaan barattoota barnootarraa haqaa meeshaa guddaa-barumsa-biyyattii jijjiiru jalaa saamurraa jijjiirama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa waarawaa fi tasgabbaa’aa irraa eeguun rakkisaadha.

Jijjiramnis waan hin hafneedha. Manneen barnootaa ergamtoota mootummaarraa bilisa, kan hundumti walabummaan itti barataniifi walqixxummaan itti ilaalaman ta’uu qaban. Oromoodhaf guyyaan ifaa tokko ni dhufa-guyyaa ifaa kan dukkana siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessaa itti baanu. Innis cichoomina qabsoo kan balbala diinaf addunyaa rurrukutuuni. Nuti yoo tokkoomne-qilleensi alaabaa teenya mirmirsu kallattii mararraa bubbisa!

 

Hubachiisa

Sababa nageenyaafi of eeggannootiif jecha maqaaleen namootaa seenessaas dabalatee kanseenaa kana keessaatti hammataman bira darbamaniiru.

 









You might also like




Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *


More Story
Det jag önskar de hade berättat: att försona min svarta identitet med min vita västerländska omgivning Jag önskar att någon, under min uppväxt, hade talat om för mig att det är okej att jag aldrig skulle tillhöra normen. Att...